02/03/2022
ADWA fi Miniilik gargar hin baasinaa!!!
Kan dhugaa sodaate ha dhumu!!
Seenaan dhugaadha (Fact). Seenessi hojii harkaati. Dhimma miniilik irratti walii galteen biyyooleessaa hin uumamne. Dhugaa guddaa tokko garuu haaluun fafa. Lola aduwaa saboota Itoophiyaa hundatu lolee injifate. Loltoonni Oromoo fardaan lolan gahee leencaa bahataniiru. Hoggantoota waraanaa keessaa sagalis Oromoodha. Garuu ciminaa fi hanqina miniilik walii galtee biyyooleessaatiin ciminasaas dadhabinasaas kan irratti walii gallu ta'ee, dhugaan seenaa hin haalamne garuu
1. Lola ADWA gaafa kaafnu Hoggansummaa miniilik dagachuun Doqnummaa fi dhugaa haaluu dha. Hoggantoota waraanaa saglan Oromoo muuduun isaa amantaa inni gootummaa oromoorraa qabuuf ragaadha. ADWA fi miniilik gargar baasuun 1+1=5 Akka jechuuti. Kun garuu miidhaa inni sabootaa irraan gahee fi hacuuccaa inni gaggeesses haaluuf miti. Hunduu akkaa fi bakka isaatti dubbatamuu qaba. ADWA fi miniilik gargar godhanii dubbachuun dhugaa dhoksuun tokkuma.
2. Lola ziyaad baarree somaaliyaa fi Mangistuu gargar godhanii dubbachuun dhugaa dhoksuu dhaan tokkuma.
3. Injifannoo Juuntaa irratti goonfannee fi Abbichuu gargar baasanii dubbachuunis doqnummaadha.
Dhugaa dubbachuuf hin sodaatinaa!!!!!
Yaadakoo kallattii dimokraatawaan qeequun mirga arrabsoon duudhaa keenyaa miti.
Baga ayyaana injifannoo ummata gurraachaatiin isin gahe!
Abbaa Milkii