FAARUU SOUND

FAARUU SOUND Waaqayyoo Guddaa dha!

15/08/2025

Faarfataa jaallatu Afaan Oromoo jaallatu tokko comment irratti barreesi___________

15/08/2025

Waaqayyoo dhimmaa kee sana siif Xumureera.

Raaja Dingeta Muuziqeesaa cimaa fi faarfannaa Afaan Oromoo keessatti muuziqaa ajaa’iba taphachun hojii  Guddaa hojjecha ...
13/08/2025

Raaja Dingeta Muuziqeesaa cimaa fi faarfannaa Afaan Oromoo keessatti muuziqaa ajaa’iba taphachun hojii Guddaa hojjecha jira. Muuziqaa inni taphatu qalbii nama Ayyaana Waaqayyoo kan of keessa qabu fi dhaloota hedduu biratti jaalala guddaa horateera. Hojii isaa keessatti fakkeenya hojii cimaa, kutannoo fi dandeettii ol’aanaa agarsiisaa jira.

Muuziqaa isaatiin aadaa fi afaan keenya tiksuu fi guddifachuu irratti shoora ol’aanaa qaba; akkasumas dhaloota har’aa fi egeree keessatti hamilee cimsuu fi gammachuu fidaa jira. Raja Dingeta dhugumaan faarfannaa Afaan Oromoo keessatti maqaa isaa bakka ol’aanaa kaa’ee seenaa keessatti iddoo hin badne qabatee jira.

Kun cimina isaati Jabaadhu Sii jallanna ittin jennaan♥️🙏
Hanqina isammoo keessan Erginaf!

Raja Dawit Girma

Meeqaan keessantu isaan lama beeka?Faarfatoota Afaan Oromoo keessatti maqaa isaanii dhageenyee jaallanne keessaa, lamaan...
13/08/2025

Meeqaan keessantu isaan lama beeka?
Faarfatoota Afaan Oromoo keessatti maqaa isaanii dhageenyee jaallanne keessaa, lamaan isaanii — Dawit Girma fi Solomon Alamuf — ifa ta’anii mul’ataa jiru. Sagalee tasgabbaa’aa, amantii jabaa, fi qalbii nama gara Waaqayyootti harkisuun hojii isaanii keessatti wal bira dhaabbachuun, dhalootaaf fakkeenya gaarii ta’anii jiru.

Dawit Girma – Faarfannaa isaa keessatti sagalee jabaa fi icciitii macaafa qulqulluu miidhagaan ibsuu danda’u qaba. Dubbii isaa fi sagaleen isaa nama abdachiisa; jaalala Waaqayyoof qabu hojiin isaa keessatti ifatti mul’ata.

Solomon Alamuf – Sagalee tasgabbaa’aa fi garaa nama tuquun, jaalala Waaqayyoo fi guddummaa isaa faarfatee, duudhaafi amantii eeguudhaan dhalootaaf fakkeenya ta’e.

Lamaan isaanii hojii faarfannaa keessatti hamilee fi onnee guutuun of kennanii, dhaloota har’aa fi egeree abdii fi amantii irratti hundeesuudhaan cimsaa jiru.

Dawit fi Solomon, jabaadhaa. Ayyaanni Waaqayyoo isin haa jabeessu; faarfannoon keessan dhalootaaf ifa haa ta’u. Waan guddaa isin irraa eegna!

Dawit Girma Solomon Alemu ♥️

Fayine Aboma meqaan keessantu beeka? mucaa qaxalee Faarfatoota Shamarani Afaan oromoo qabnu keessa ishi tokko dha. Sagal...
08/08/2025

Fayine Aboma meqaan keessantu beeka? mucaa qaxalee Faarfatoota Shamarani Afaan oromoo qabnu keessa ishi tokko dha. Sagaleen ishee sagalee tasgabbaa’aa dha, faaruun ishee immoo qalbii nama tuqaa. Waaqayyoon jaalalaa fi Guddummaa isaa faarsuu, —akkasumas faaruu ishee keessatti duudhaafi amantii eeguun Adduunya faarfannaa Afaan Oromoo keessatti shoora olaanaa bahacha jirti!

Hojii faarfannaa ishee keessatti hamilee fi onnee guutuun of kennite hojjechun Dhaloota har’aa qofa osoo hin taane, kan egeree illee amantii fi abdii irratti hundeesuudhaan cimsaa jirti. Fayine, si waliin jirra. Jabaadhu, Ayyaana Waaqayyoo sii kennen dhalootatti Kiristoos itti agarsiisi, waan guddaa sirra eegna! Full Album. Waaqayyo Ayyaana isaa siuf haa baayisu!

FAARUU SOUND

JCP Church
08/08/2025

JCP Church

Dawit GirmaBeeka Garaan koo
07/08/2025

Dawit Girma
Beeka Garaan koo

18/07/2025

Utuu jooru!

  muraasni yoo amantii isaanii fudhatan yaa nama jala kaachuu isaanii. Yoo amantii isaanii dhiisan immoo obboleessumatu ...
18/07/2025

muraasni yoo amantii isaanii fudhatan yaa nama jala kaachuu isaanii. Yoo amantii isaanii dhiisan immoo obboleessumatu obboleessa isaa irratti du'a labsa.

Qaamoleen, "Amantaa keenya yoo hordofte malee hin jiraattu" jedhanii Faar. Taamam Fariis doorsisan maal isaan godhe?

Faar. Taamam sababa Amantii Musliimaa irraa gara, Pheenxee (Protestant) dhufeef jecha, maatii fi firoota isaa maraan guutummaan guutuutti akka jibbamee jiru, yeroo baay'ee himachaa ture.

Musliimonni isa jibbuun isaanii rakkina miti. Isa ajjee*suuf gaadi'uun kun farra. Seerri, "Akkan ani ta'e taatu malee hin jiraattu" jedhu addunyuma kanarrayyuu hin jiru. Kuni wallaalummaa isaaniiti.

Amantaan Pheenxee (Protestant) immoo as biyya keessa haa turuu, Araba biyya Musliimotaattuu dagaagaa jira. Amantichi seeraan cimee dugda addunyaa tanaa qabatee waan jiruuf, homaa isa gochuun hin dandaa'amne.

Faarfattoonni gaafa eebba VCD fi Clip qofa waliif hin birmatinaa. Gafaa akkasiis wal quba qabaachuu qabdu.

"Keenya Lolaan Waaqa" isa jedhamu qabattanii, namoota daangaa darbanii isinitti bu'an callifnaan, obboleessa kanaa fi mirga namoomaa keessan dhabdu kana beekaa.!

Onneekoo na qirqida dhufee hafuurrikee🌬🫀Na tuxxuqa ol kaasee kudhaama jaalala kee🥰Ammas ammas yoon deddeebi'ee hin qaqqa...
17/07/2025

Onneekoo na qirqida dhufee hafuurrikee🌬🫀
Na tuxxuqa ol kaasee kudhaama jaalala kee🥰
Ammas ammas yoon deddeebi'ee hin qaqqabsiisu🥺
Foolii bishaaniiti tollikoo waa'ee hin baasu😔🙆‍♂️🤷‍♂️
Eeyyee dadhabbiikoon alatti sin jaalladha🤦😍
Gaarummaa kee dhaloota itti aanuuf nan dubbadha🤴🗣🧑‍🧑‍🧒‍🧒

Jecha hin qabu!🙏

Bakka argaama Qulqullootatti Warri argamuuf fiigan warra waldaa keessatti guddatani. Jaalala of keessa qabu obboolota ni...
15/07/2025

Bakka argaama Qulqullootatti Warri argamuuf fiigan warra waldaa keessatti guddatani. Jaalala of keessa qabu obboolota nii jaalatu garaan isaani waan hafuura bira jira. Warri akkasi nuuf Haa jiraatan Atillee bakka jirtutti nuuf jiraadhu🥹♥️🙏

Address

Finfine
Addis Ababa
FINFINNE

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FAARUU SOUND posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share