Kebor Multimedia

Kebor Multimedia Keebor Multimedia
Ibsaa Daandii dhugaa_የእዉነተኛ መንገድ ብርሃን
☆Sagantaawwan
Da'awaa
Odeeffannoo
Nashiidaa

Eebbi kitaaba “qaroo qara lamaa” Jedhu seenaa Haaji Hasan gammadaa Eebbifamuuf Mari'atame.****Keebor Media, Hagayya 8, 2...
08/08/2026

Eebbi kitaaba “qaroo qara lamaa” Jedhu seenaa Haaji Hasan gammadaa Eebbifamuuf Mari'atame.
****

Keebor Media, Hagayya 8, 2026
***
Kitaabni “Qaroo Qara Lama” jedhu seenaa jireenyaa, hojii fi gahee H/ Hasan Gammadaa hawaasa keessatti qaban irratti xiyyeeffatu, Eebbifamuuf hawaasa Magaalaa Shashamanee waliin mari'atame.
**

Kitaabichi seenaa fi hojii nama tokkoo qofa osoo hin taane, seenaa, hojii gaggaarii fi muuxannoo dhalootaaf dabarsuun barbaachisu walitti qabuun dhaloota dhufuuf akka galmee seenaatti tajaajiluuf qophaa’eera.
***

Kitaabicha kan barreessan Ustaaz Qamar Huseen yoo ta’an, seenaa H/ Hasan Gammadaa qorachuun fi walitti qabuun kitaaba keessatti galmeessanii jiru.
***

Koreen qophii eebba kitaabicha ilaalchisee marii bal’aa gaggeessaa jiraniin Hawaasni Magaalaa Shashamanees hojii kana dinqisiifachuun, “Seenaa du’ee baduuf jedhu nuuf jiraachiftanii jirtu; jechuun Bareessaa Kitaabichaa guddaa galateeffanna” jechuun Gammachuu isaanii ibsaniiru.
***

Hawaasni kuni hojii seenaa fi barnootaa kana itti fufsiisuuf, mana barumsaa guddaa maqaa H/ Hasan Gammadaa waliin walqabatu ijaaruu akka barbaadan ibsuun Amaanaa Kana Galmaan Akka gahaniif Ustaaz Qamar Huseenitti Kennaniiru.
***

Ustaaz Qamar Huseenis waadaa kana fudhachuun, “Waadaa Islaamaa guddaa kana nan ba’a” jechuun waadaa galaniiru.
***

Keebor Media
Ibsaa Daandii Dhugaa
📅 Hagayya 8, 2026

Ukaashaa Sheek Abdulqaadir

Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia

WhatsApp
👇👇👇
https://whatsapp.com/channel/0029VbBfT6L1dAw7mnQ4

🇹🇷🇸🇦🇵🇰 Turkii, Sa'uudii Araabiyaa fi Paakistaan "Waliigaltee Makkaa" jedhamu mallatteessan📍Keebor Media | Hagayya 1, 201...
07/08/2026

🇹🇷🇸🇦🇵🇰 Turkii, Sa'uudii Araabiyaa fi Paakistaan "Waliigaltee Makkaa" jedhamu mallatteessan

📍Keebor Media | Hagayya 1, 2018 A.L.I.

Turkiin, Sa'uudii Araabiyaan fi Paakistaan waliigaltee ittisaa mootummaa sadan gidduutti taasifame, "Waliigaltee Makkaa" jedhamuun beekamu mallatteessuu isaanii gabaafame.

Waliigalteen kun keessaa qajeelfama ijoo ta'e ittisa waloo (collective defense) kan of keessatti hammate yoo ta'u, biyyoota sadan keessaa tokko irratti haleellaan waraanaa kamiyyuu yoo raawwatame, akka biyyoota sadan irratti raawwatametti ilaalamee deebiin waloo akka kennamu tumameera.

Akka ibsameetti, waliigalteen kun haleellaa mootummaa kamirraayyuu dhufu waliin ittisuuf dandeettii biyyoota sadan cimsuu, akkasumas damee hunda keessatti tumsa ittisaa isaanii sadarkaa olaanaatti guddisuuf kan kaayyeffate dha.

📅 Safar 24, 1448 H.

© Keebor Media |
Ibsaa Daandii Dhugaa

Ukaashaa Sheek Abdulqaadir

Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia

WhatsApp
👇👇👇
https://whatsapp.com/channel/0029VbBfT6L1dAw7mnQ4l52f

04/08/2026

Diraamaan kuni itti haa fuufuu namni jettan yaada keessan kaahaa

Iiraan Ameerikaa Waliin Marii Kamiiyyuu Hin Goonu Jette******Keebor Media Aug / 2026**Iiraan mootummaa Ameerikaa waliin ...
03/08/2026

Iiraan Ameerikaa Waliin Marii Kamiiyyuu Hin Goonu Jette
******

Keebor Media Aug / 2026
**
Iiraan mootummaa Ameerikaa waliin marii kamiyyuu akka hin geggeessine beeksifte.
***

Ministeerri Dhimma Alaa Iiraan akka ibsetti, mootummaa Oomaan waliin tumsuun Qaxxamura Galaana Hormuz irratti geejjiba galaanaa nageenya qabu mirkaneessuuf daandii yeroo muraasaaf tajaajilu qopheessaa jira.
***

Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Iiraan, Ismaa'iil Baqaa'ii, odeeffannoon "Iiraan fi Ameerikaan mari'achaa jiru" jedhu sirrii akka hin taane ibsanii, "Ameerikaa waliin marii tokko illee hin geggeessinu" jechuun mirkaneessan.
****

Haata'u malee, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mariin mootummaa lamaanii yeroo dhihoo keessatti akka jalqabu dubbatanii turan.
***

Iiraan garuu Ameerikaan tarkaanfii waraanaa fi adabbii diinagdee ishee hanga itti fufteetti, haalli Qaxxamura Hormuzii akka hin jijjiiramne akeekkachiifte.
***

Madda: Al Jazeera

Keebor Media
Ibsaa Daandii Dhugaa

Ukaashaa Sheek Abdulqaadir

Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia

WhatsApp
👇👇👇
https://whatsapp.com/channel/0029VbBfT6L1dAw7mnQ4l52f

Pirezidaantiin Waliigalaa Majlisa Fedraalaa fi  Koreen Huji Raawwachiiftuu  Hirmaannaa Dhaabbii Biqiltuu Raawwatan.Keebo...
03/08/2026

Pirezidaantiin Waliigalaa Majlisa Fedraalaa fi Koreen Huji Raawwachiiftuu Hirmaannaa Dhaabbii Biqiltuu Raawwatan.

Keebor Media | Hagayya 3, 2026

Magaalaa Adaamaatti sagantaa dhaabbii biqiltuu "Abdii haa dhaabnu" jedhuun gaggeeffamaa jiru irratti, Pirezidaantiin Waliigalaa Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa, Doktar Sheek Hajii Ibraahiim Tuufaa, fi Koreen Huji Raawwachiiftuu isaanii hojii dhaabbii biqiltuu Irratti hirmaatan.
***

Sheek Hajii Ibraahiim Tuufaan ergaa Dabarsaniin, muka dhaabuu fi kunuunsuun ( eeguun ) akka Islaamaatti hojii gaarii fi ibaadaa keessaa tokko ta'uu ibsaniiru. Akkasumas, namni muka dhaabee irraa nama, bineensa yookaan simbirri fayyadame hundi isaaf sadaqaa ta'uu hadiisa Nabiyyii (SAW) tahu hubachiisaniiru.
***

Pirezidaantichi biqiltuu dhaabame kunuunsuun akka barbaachisu jechuun waamicha dhiyeessaniiru.
**

Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee gamasaaniin, hojii dhaabbii biqiltuu bara kanaa magariisummaa magaalattii cimsuu, mukkeen fuduraa dhaabuun dinagdee deeggaruu, qabeenya bishaanii fi bosonaa eeguu akkasumas jijjiirama qilleensaa dandamachuuf gumaacha guddaa qaba jedhaniiru.
***

Sagantaa kana irratti Itti Aanaan Pirezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa Sheek Abdulkariim Sheek Badiruddiin dabalatee Hooggntoonni Garagaraa Majlisa federaalaa fi mootummaa magaalaa Adaamaa fi hoggantoonni Majlisaa garaagaraa hirmaataniiru.
***

Keebor Media
Ibsaa Daandii Dhugaa

Ukaashaa Sheek Abdulqaadir

Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia

WhatsApp
👇👇👇
https://whatsapp.com/channel/0029VbBfT6L1dAw7mnQ4l52f

Majlisni Finfinnee Ashaaraa Magariisa irratti hirmaachuun itti gaafatamummaa Islaamummaa fi biyyaalessaa keenya haa baan...
01/08/2026

Majlisni Finfinnee Ashaaraa Magariisa irratti hirmaachuun itti gaafatamummaa Islaamummaa fi biyyaalessaa keenya haa baannu jedhe.
*****

Keebor Media | Hagayya 1, 2026
***

Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee, Sheek Sulxaan Haajii Amaan Eebaa, Ummanni Musliimaa hundi sagantaa Mallattoo Magariisaa keessatti akka hirmaatan waamicha dhiyeessan.
***

Sagantaan kun naannoo magariisaa babal'isuun jireenya uummataa fooyyessuu fi biyya qulqulluu dhalootaaf dabarsuuf murteessaa ta'uu isaanii ibsan.
***

Akkasumas, hojii kun Islaamummaa, tokkummaa fi misooma biyyaaf gumaacha guddaa akka qabu hubachiisaniiru.
***

Dabalataanis, Musliimonni Magaalaa Finfinnee Ashaaraa Magariisa Wiixata, Hagayya 3, 2026 gaggeeffamu irratti guyyaa tokko keessatti biqiltuu dhaabuu keessatti akka hirmaatan waamicha dhiyeessuun, nageenya, misoomaa fi obbolummaa biyyaaf waliin haa hojjennu jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.
****

Keebor Media
Ibsaa Daandii Dhugaa

Ukaashaa Sheek Abdulqaadir

Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia

WhatsApp
👇👇👇
https://whatsapp.com/channel/0029VbBfT6L1dAw7mnQ4l52f

Majlisni Federaalaa raawwii hojii bara 2018 fi karoora bara 2019 gamaaggamaa jira********Keebor Media | Adoolessa 25, 20...
01/08/2026

Majlisni Federaalaa raawwii hojii bara 2018 fi karoora bara 2019 gamaaggamaa jira
********

Keebor Media | Adoolessa 25, 2018
***

Manni Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa walga'ii raawwii hojii bara bajataa 2018 fi karoora hojii bara 2019 magaalaa Adaamaatti gaggeessuu jalqabe.
***

Miseensonni hojii raawwachiiftuu Majliisichaa hojiiwwan ijoo bara darbe keessatti hojjetaman, rakkoolee mudatan fi bu'aawwan galmaa'an gadi fageenyaan gamaaggamuun kallattii hojii fuulduraa kaa'aa jiru.
***

Hoggansi Majliisaa bara 2017 hojii jalqabe irraa eegalee dhaabbatichaa cimsuu, tokkummaa Musliimotaa eegu fi qulqullina tajaajilaa fooyyessuuf hojiiwwan misoomaa adda addaa hojjechaa turuun Maaseera.
***

Waltajjiin Adaamaa kunis hojiiwwan jalqabaman caalaatti cimsuun itti fufsiisuuf qajeelfamootaa fi kallattii hojii murteessoo ni kaa'a jedhamee eegama.
***

Keebor Media
Ibsaa Daandii Dhugaa

Ukaashaa Sheek Abdulqaadir

Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia

WhatsApp
👇👇👇
https://whatsapp.com/channel/0029VbBfT6L1dAw7mnQ4l52f

EMYC'n raawwii hojii bara 2018 fi karoora bara 2019 ilaalchisee walga'ii hoggantootaa eegale.**Keebor Media | Adoolessa ...
01/08/2026

EMYC'n raawwii hojii bara 2018 fi karoora bara 2019 ilaalchisee walga'ii hoggantootaa eegale.
**

Keebor Media | Adoolessa 25, 2018
***

Kaawnsiliin Dargaggoota Musliimota Itoophiyaa (EMYC) raawwii hojii bara bajataa 2018 gamaaggamuu fi karoora bara 2019 qopheessuuf walga'ii hoggantoota olaanoo Finfinneetti eegale.
***

Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoo EMYC fi pirezidaantonni manneen maree naannolee hirmaatanii, milkaa'inootaa fi hanqinoota bara 2018 gamaaggamuun bara 2019 keessatti hojii fi tajaajila caalaatti bu'a qabeessa taasisuuf kallattiiwwan hojii kaa'uurratti mari'achaa jiru.
***

Keebor Media
Ibsaa Daandii Dhugaa

Ukaashaa Sheek Abdulqaadir

Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia

WhatsApp
👇👇👇
https://whatsapp.com/channel/0029VbBfT6L1dAw7mnQ4l52f

Biyyoonni Arabaa Karoora Nagaa Haaraa Gaazaa Deggeran; Israa'el Raayyaa Ishee Akka Baastu Gaafataniiru.*******Keebor Med...
01/08/2026

Biyyoonni Arabaa Karoora Nagaa Haaraa Gaazaa Deggeran; Israa'el Raayyaa Ishee Akka Baastu Gaafataniiru.
*******

Keebor Media | Hagayya 25, 2018

Biyyoonni Araabaa :- Sa'uudi Arabiyaa, Qaxar, Urdunii fi Kuweet karoora nagaa waliigalaa fi waliigaltee dhaabbii mootummaa Gaazaaf dhiyaate guutummaatti akka deeggaran beeksisaniiru.
***

Biyyoonni kunneen Israa'el waliigaltee kana kabajtee raayyaa ishee guutummaatti Gaazaa keessaa akka baaftu, akkasumas gargaarsi namoomaa daangaa malee akka seenu cimsanii gaafatan.
***

Hamaas karoora nagaa kana fudhachuu ishee ibsitus, mootummaa Israa'el hanga ammaatti deebii mootummaa ifaa hin kennine. Haa ta'u malee, Ministeerri Nageenya Biyyoolessaa Israa'el kan ta'an Itamar Ben-Gvir waliigalteen kun "Israa'eliif fudhatama hin qabu" jechuun mormanii jiru.
***

Akka gabaasni ibsutti, karoora nagaa jalqabaa kan United Nations Security Council raggaasise Israa'el yeroo hedduu cabsuu himameera. Akkasumas waraanni Onkoloolessa 2023 irraa eegalee Gaazaatti geggeeffameen lammiileen Falasxiin kuma 73tti dhiyaatan ajjeefamuu, namoonni kuma 174 ol madaa'uu fi bu'uuraalee misoomaa Gaazaa keessaa harka 90 ol ta'an barbadaa'uun isaanii gabaafameera.
***

Keebor Media
Ukaashaa Sheek Abdulqaadir

Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia

WhatsApp
👇👇👇
https://whatsapp.com/channel/0029VbBfT6L1dAw7mnQ4l52f

GAAZAA KEESSATTI HANQINNI QORICHAA HAMMAATE ****Keebor Media | Hagayya 1, 2026***Ministeerri Fayyaa Gaazaa akka beeksise...
01/08/2026

GAAZAA KEESSATTI HANQINNI QORICHAA HAMMAATE
****

Keebor Media | Hagayya 1, 2026
***

Ministeerri Fayyaa Gaazaa akka beeksisetti, sababa uggura Israa'eliin qoricha bu'uuraa keessaa walakkaa ol guutummaatti dhumee jira.
***

Akkasumas meeshaaleen yaalaa, boba'aa fi deeggarsi fayyaa gara Gaazaatti akka hin seenne uggurri jabaatee itti fufeera.
***

Hanqinni bishaan qulqulluu fi dhukkuboonni bishaaniin walqabatanis dabalaa jiraachuun ibsame.
***

Kana malees, mootummaa Gaazaa akka ibsetti, dhukkubsattoonni 1,500 ol yaala argachuuf eeyyama eegaa turan lubbuun isaanii darbeera.
***

Keebor Media
Ukaashaa Sheek Abdulqaadir

Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia

WhatsApp
👇👇👇
https://whatsapp.com/channel/0029VbBfT6L1dAw7mnQ4l52f

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kebor Multimedia posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share