Kebor Multimedia

Kebor Multimedia Keebor Multimedia
Ibsaa Daandii dhugaa_የእዉነተኛ መንገድ ብርሃን
☆Sagantaawwan
Da'awaa
Odeeffannoo
Nashiidaa

Konkolaataa Imala Da'waa Ustaaz
08/10/2025

Konkolaataa
Imala Da'waa
Ustaaz

Suuraadhaan  Konkolaataa Ustaaz Xaalibuu Ridallaaah
08/10/2025

Suuraadhaan

Konkolaataa Ustaaz Xaalibuu Ridallaaah

Sagntaa Eebba Konkolaataa Ustaaz Xaalibuu Ridallaaah
08/10/2025

Sagntaa
Eebba Konkolaataa Ustaaz Xaalibuu Ridallaaah

 🚘Waamicha🔉Eebba Konkolaataa   Kan Bitameef🗓 Gaafa Guyyaa 28/01/2015📍 Shaashamannee Ganda 04🏫 Masjiida AnawaarittiHaala ...
07/10/2025

🚘
Waamicha🔉

Eebba Konkolaataa
Kan Bitameef
🗓 Gaafa Guyyaa 28/01/2015
📍 Shaashamannee Ganda 04
🏫 Masjiida Anawaaritti
Haala Adda Taheen Ni Geggeeffama Hundumti Keessanuu Affeeramtaniirtu.

Kabajamooo Dr Sheek   Aadam ( Ciroo ) tiif Yunivarsitiin Minisootaa Yeroo Doktoreetii KennuufiHordofaa👇👇👇👇
06/10/2025

Kabajamooo Dr Sheek
Aadam ( Ciroo ) tiif
Yunivarsitiin Minisootaa Yeroo Doktoreetii Kennuufi

Hordofaa
👇👇👇👇

Enjoy the videos and music you love, upload original content, and share it all with friends, family, and the world on YouTube.

Pireezidaantiin Mana Maree Ol’aanaa Jila Faawundeeshinii Mootii Mohaammad 6ffaa Morookoo waajjira isaaniitti simatanii w...
06/10/2025

Pireezidaantiin Mana Maree Ol’aanaa Jila Faawundeeshinii Mootii Mohaammad 6ffaa Morookoo waajjira isaaniitti simatanii waliin haasa’aniiru.
******

Keebor Multimedia 06/2025
**
Pireezidaantiin Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa Jila Faawundeeshinii Mootii Mohaammad 6ffaa Morookoo waajjira isaaniitti simatanii waliin haasa’aniiru.
***

Hogganaan Faawundeeshinii Mootii Mohaammad 6ffaa fi Waahillan Isaa Qur’aana addatti qophaa’ee fi kennaa kabajaa aadaa Morookoo kennanii bara hojii gaarii jedhaniiru.
***

Jilli kun Pirezidaantiin Mana Maree Olaanaa walgahii Faawundeeshinichaa irratti keessummaa kabajaa ta’uun akka hirmaatanis afeereera.
***

Miseensa jila kanaa fi Barreessaa Olaanaa Faawundeeshinichaa kan ta’an Doktar Mohaammad Rafiiq Pireezidaantichaaf bara hojii gaarii hawwuun, Faawundeeshinichi hojiiwwan amantaa waloo Mana Maree Ulamaa’ota Mana Maree Ol’aanaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiru cimsee itti fufuuf carraa gaarii ta’uu ibsaniiru.
***

Pireezidaantiin Mana Maree Olaanaa Jila kana galateeffachuun hariiroon gaariin Faawundeeshinii Mootii Morookoo Mohaammad 6ffaa waliin eegalame cimee itti fufa jedhan.
***

✍️Ukashaa Sheek Abdulqaadir

Hordofaa.
Facebook
👇👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tiktok.com/.multimedia

WhatsApp
👇👇👇
https://chat.whatsapp.com/KYtKyLmxTRj6fEQBcynA3

Dr Ustaaz Qamar Huseen Digrii 2ffaa Yunivarsitii Minisootaatti Eebbifamuun Guyyaa Arraa Magaalaa Shaashamanneetti Simata...
05/10/2025

Dr Ustaaz Qamar Huseen Digrii 2ffaa Yunivarsitii Minisootaatti Eebbifamuun Guyyaa Arraa Magaalaa Shaashamanneetti Simataman.
**

Keebor Multimedia Oct 05/2025
***
Dr Ustaaz Qamar Huseen Digrii 2ffaa Yunivarsitii Minisootaatti Eebbifamuun Guyyaa Arraa Magaalaa Shaashamanneetti Eebbifamtoota Waliin Simatamaniiru.
***

Dr Kabajaa Ustaaz Qamar Huseen Daa'ii Amantii Lamaan Walbira Qabuudhaan Barsiisuu fi Da'awaa Isa Anbiyootaa Godhuudhaan Namoonni Hedduun Harka Isaaniitti Shahaadaa Qabatuun Seenaa Guddaa Nama qabaniidha.
***

Ustaaz Qamar Huseen Umrii Isaanii Baruu fi Barsiisuu Irratti Kan Turan Ammas Barnoota Shari'aa Islaamaatiin Yunivarsitii Minisootaatti Baratuun Isaanii Barnoonni Jireenya Guutuu Kan Baratamu Tahuu Isaa Isaanirraa Kan baratamuudha
***

Ustaaz Qamar Huseen Nama Tokkummatti Amananuu fi Sagantaa Arraa Kana Qopheessuu Keessatti Qooda Ol'aanaa Nama Bahatan Yoo Tahu Ilmaan Sikkoo Mandoo Bakka Tokkotti Akka Gammachuu Isaanii waliin Qoodaman Nama Godhan Keessa tokkoodha.
***

Ustaaz Qamar Huseen Abbaa Kitaabita Hedduu, Abbaa Qabeenyaa Arjaa Kenne Hin Hifanne, Nama Masjiidonni 500 Ol Ijraasisan, Boolla Bishaanii Baadiyaa Hedduu Keessatti Nama Baasanii fi Du'aatota Hedduu Duubaan Yaadaa fi Maallaqaan Dhaabbatanii Da'waa Babal'isaa Jiraniidha.
***

Seenaa Ustaaz Qamar Huseen Keebor Mediyaan Yoo Rabbi Fedhe Haala Adda Taheen Isiniif Dhiheessina
***

Galatoomaa

✍️Ukashaa Sheek Abdulqaadir

Hordofaa.
Facebook
👇👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tiktok.com/.multimedia

WhatsApp
👇👇👇
https://chat.whatsapp.com/KYtKyLmxTRj6fEQBcynA3

Suuraadhaan📷Simannaa Eebbifamtoota  Yunivarsitii MinisootaaIlmaan Sikkoo MandooShaashamannee
05/10/2025

Suuraadhaan📷
Simannaa Eebbifamtoota Yunivarsitii Minisootaa
Ilmaan Sikkoo Mandoo
Shaashamannee

Haaji Yuusuf Aadam ( Ciroo ) Yunivarsitiin Minisootaa Doktereetii Kabajaa kenne.*****Keebor Multimedia Oct 05/2025***Muf...
05/10/2025

Haaji Yuusuf Aadam ( Ciroo ) Yunivarsitiin Minisootaa Doktereetii Kabajaa kenne.
*****

Keebor Multimedia Oct 05/2025
***

Muftii Guddicha Sheeka Sheekkotaa Aalima Biyyi Teenya Qabdu Keessaa Kan Tahan Haaji Yuusuf Aadam ( Ciroo ) tiif Yunivarsitiin Minisootaa Doktereetii Kabajaa kenne.
***

Haaji Yuusuf Ciroo Umrii Isaanii Haga Ammaa Baruu fi Barsiisuu Irratti Kan Jiran Yootahu Ulamaa'onni Hakaqaalee Imii Keessatti Yeroo ammaa Barsiisaa Jiran Isaanirraa Qubatan.
***

Guyyaa Arraa Yunivarsitiin Minisootaa Aalima Guddaa Kanaaf Doktoreetii Kabajaa Bakka Ulamaa'onni Hayyoonni, Hooggntoonni Yunivarsitiichaa Argamanitti Kenneera.
***

Seenaa Haji Yuusuf Ciroo Yeroo Gabaabaa Keessatti Keebor Isiniif Dhiheessa Inshaa Allaa Nu Eegaa.
***

✍️Ukashaa Sheek Abdulqaadir

Hordofaa.
Facebook
👇👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tiktok.com/.multimedia

WhatsApp
👇👇👇
https://chat.whatsapp.com/KYtKyLmxTRj6fEQBcynA3

Barattoota Yunivarsitii Minisootaa Irraa Eebbifamaniif Sagantaan Simannaa Taasifame.****Keebor Multimedia Oct 05/2025***...
05/10/2025

Barattoota Yunivarsitii Minisootaa Irraa Eebbifamaniif Sagantaan Simannaa Taasifame.
****

Keebor Multimedia Oct 05/2025
***

Magaalaa Shaashamanneetti Barattoota Yunivarsitiin Minisootaa Irraa Eebbifamaniif Sagantaan Simannaa Taasifameeraafi.
***

Barattoonni Simtaman Dhalootaan Ilmaan Sikkoo Mandoo Kanneen Yunivarsitii Kana Kessatti Waggootaaf Eddoo Gara garaa Irraa Barnoota Hordofuudhaan Yeroo Darbe Magaalaa Finfinneetti Eebbifamaniidha.
***

Sagantaa Kana Irratti Hooggntoonni Yunivarsitii Minisootaa Damee Itiyoophiyaa Fi Ulmaa'onni Gurguddoon Biyyi Keenya Qabduu fi Maanguddoota Biyyaa Dabalatee Hawaasni Bal'aan Saganticha Irratti Argamaniiru.
***

Bal'ina Oduu Booda Walitti Deebina
**

✍️Ukashaa Sheek Abdulqaadir

Hordofaa.
Facebook
👇👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tiktok.com/.multimedia

WhatsApp
👇👇👇
https://chat.whatsapp.com/KYtKyLmxTRj6fEQBcynA3

Ibsa balaaleffannaa mana maree ol'aanoo dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa irraa kenname*****Keebor Multimedia Oct 04/2025...
04/10/2025

Ibsa balaaleffannaa mana maree ol'aanoo dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa irraa kenname
*****

Keebor Multimedia Oct 04/2025
***
Naannoo Amaaraa godina wolloo kibbaatti magaalaa Makaana salaam masjiida Nuuritti yeroo salaata Ishaa'ii qaamoleen hidhatan masjiida seenuun imaama masjiidichaa fi itti aanaa walitti qabaa majliisa magaalaa makaana salaam kan ta'an Sheihk Jamaal Kamaal, koree masjiidaa fi kaadimoota ( tajaaliltoota) masjiidaa, haala suukanneessaa ta'een ajjeesuu isaanii majliisni naannoo Amaaraa mirkaneessee jira.
***

Majliisni Federaalaas dhaabbileen amantaa iddoo kabajamaa waan ta'aniif isaan eeguu malee haala kanaan gochi gara jabummaan kun isaan irratti raawwatamuu isaatiif cimsee balaaleffata.
***
Dhaabileen amantaa hunduu gochoota badii naannoo manneen amantaatti fi hordoftoota amantichaa irratti hojjataman kana cimsee akka balaaleffatuu fi eegu manni marichaa waamicha dhiyeessa.
***
Kana male ummanni musliisaa bakka jiru hundatti gochoota badii dhaabilee amantaa fi hordoftoota amantichaa irratti yeroo gara garaatti adeemsifamu kana yeroo yerootti odeeffannoo wal jijjiiruun ofirraa eeguu qaba.
***

✍️Ukashaa Sheek Abdulqaadir

Hordofaa.
Facebook
👇👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tiktok.com/.multimedia

WhatsApp
👇👇👇
https://chat.whatsapp.com/KYtKyLmxTRj6fEQBcynA3

Hooggntoonni Dhaabbata Miidiyaa Keebor Halqaalee Ilmiitii fi Markazoota Gara garaa Ziyaaran.***Keebor Multimedia Oct 04/...
04/10/2025

Hooggntoonni Dhaabbata Miidiyaa Keebor Halqaalee Ilmiitii fi Markazoota Gara garaa Ziyaaran.
***

Keebor Multimedia Oct 04/2025
***

Hooggantoonni Miidiyaa keeboor sagantaa ziyaaraa fi jajjabeessa halqaalee barnoota islaamaa jedhuun ziyaaraa isaa jalqabaa Aanaa gadab asaasaatti Taasiseera.
***

Ziyaaraa Hooggantoota Miidiyaa Keeboriin magaalaa nageellee sigalotti kan argamu markaza sumayyaa kan dubartoonni qofti baratan ziyaarun jajjabeessee jira.
***

Markazni Sumayyaa Dubartootan Hundeeffamee Dubartoota Irratti Xiyyeeffatee Kan Barsiisu Yoo tahu Yeroo ammaatti Dubartoota Baayyinni Isaanii 200 Ol tahan Barnoota Shari'aa Islaamaa Adda Adda Barsiisuu Irratti Argama.
***

Yeroo Hooggntoonni Miidiyaa Keebor Seenanitti Ustaazotaa fi Barattoonni Markazichaa Simatuudhaan Wantoota Barataa Jiran Dameewwan Barataa Jiran Hundarraa Muraasa Agarsiisanii jiru
***

Daaretakarri Keebor Multimedia Abdurrahmaan Amaan Haasaa Markazicha Irratti taasisaniin Hujii Cimaa Irra Jiraatuu Dinqisiifatuudhaan Miidiyaan Keebor Gama Hundaan Isin Duuka Jira Jajjabaadhaa Jedhanii Aantummaa Itti Agarsiisaniiru.
***

Abdullaxiif Amaanii fi Abdunnaasir Haashimis Haasa Gara garaa Taasisuudhaan Walumaa Gala Akka Isaan Jajjabaatanii Gara Fuula Duraatti Waan Hedduu akka Hojjataniif Jajjabeessaniiru.
***

Hooggntoonni Kun Imala Isaanii Keessattii Aalima Guddaa Haaji Yuusuf Aadam ( Ciroo ) Ziyaaruudhaan Gorsaa fi Du'aa'ii Irraa Fudhatuudhaan Dhaabbatichi Gorsa Ulamaa'otaatiin Akka Socho'aa Jiruu fi Socho'u Itti Agarsiisaniiru.
***

Akkasuma Hooggantoota Majlisa Haaraa Aanaa Gadab Asaasa Haaraa Filtaman Walinis Dhimma Waliin Hojjachuu Gara Fuula Duraa Irratti Mari'ataniiru.
***

Akkasuma Hooggntoota Faawundeeshiini Haaji Mohammed Sa'id Jiloo Waliin Faawndeeshiinichi Sadarkaa Kam Irra Akka Jiruu fi Gara Fuuduraatti Hujiiwwan Isaa Maal Akka Tahe Gara Miidiyaatiin Maal akka Isa Barbaachisu Irratti Mari'achuudhaan Waliin Hojjachuuf Walii Galaniiru.
***

Dhaabbanni Miidiyaa Keebor Hojiiwwan Hawaas Diinagdee Irratti Xiyyeeffatee Gara Fuula Duraa Akka Deemuu fi Bakkeewwan Hedduu Ziyaaruudhaaf Beellama Qabatuu Hooggntoonni Dhaabbatichaa Eeraniiru.
***

✍️Ukashaa Sheek Abdulqaadir

Hordofaa.
Facebook
👇👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tiktok.com/.multimedia

WhatsApp
👇👇👇
https://chat.whatsapp.com/KYtKyLmxTRj6fEQBcynA3

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kebor Multimedia posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share