Awaday Media Network

Awaday Media Network Odeeffanoo dhugaaf gara Awaday media netwok koota
(1)

''Inisheetivonni godina Shawaa Bahaatti hojiitti hiikamaan milkaa’oodha''- MM Dr Abiyyi Ahimad
29/10/2025

''Inisheetivonni godina Shawaa Bahaatti hojiitti hiikamaan milkaa’oodha''- MM Dr Abiyyi Ahimad

Itoophiyaan bakka daawwataa addunyaa hunda hawwatu taatee ifatti mul’achaa jirti.Guddinni saffisaa tajaajila ikooturizim...
29/10/2025

Itoophiyaan bakka daawwataa addunyaa hunda hawwatu taatee ifatti mul’achaa jirti.

Guddinni saffisaa tajaajila ikooturizimii Itoophiyaa keessatti taasifamaa jiru, hoggansa Muummicha Ministaraa Dr. Abiy Ahimad jalatti, haalaan mul’ata. Mootummaan Itoophiyaa, bosonaa, qabeenya uumamaa fi aadaalee saboota biyyattii tikfachuuf sochii cimaa jalqabeera. Qonnaa fi misooma turaaf mijataa ta’e deeggaruun, daawwataaf bakka bashannanaa fi barnoota ta’an babal’isuun dinagdee biyyaa irratti bu’a qabeessa ta’e fidameera. Dhiyeenya kana, daandiiwwan, bakkeewwan ikooturiimii haaraa fi qabeenya ittiin tajaajilamu diriirfamuun, Itoophiyaan bakka daawwataa addunyaa hunda hawwatu taatee ifatti mul’achaa jirti.

Arbi qoreen waraanteef hin hokkolu!
28/10/2025

Arbi qoreen waraanteef hin hokkolu!

Itiyoophiyaan imala badhaadhina ishee milkeessa jirti.Seenaa biyya kanaa keessatti milkaayee kan hin beekne diinagdeen I...
27/10/2025

Itiyoophiyaan imala badhaadhina ishee milkeessa jirti.
Seenaa biyya kanaa keessatti milkaayee kan hin beekne diinagdeen Itiyoophiyaa saffisaa guddaan guddachaa jira.GDP biyyatti bara darbe dijiitii 9.2 guddate.Bara amma keessa jirru kana immoo 10.2 akka guddatu tilmaamame.Kun kan agarsiisuu diinagdeen biyya keenyaa fooyya’iinsa agarsiisaa jiraachuudha.Kanaaf Itiyoophiyaan akka kanaan yoo itti fufte yeroo gabaabaa keessatti badhaadhina yaadame ni milkeessiti.

Itoophiyaan guddina dinagdee saffisaa galmeessaa waan jirtuuf Ulaan Galaanaa ishii barbaachisa.Itoophiyaan Guddina ariif...
27/10/2025

Itoophiyaan guddina dinagdee saffisaa galmeessaa waan jirtuuf Ulaan Galaanaa ishii barbaachisa.
Itoophiyaan Guddina ariifachisaa galmeessaa jirtuu fi baayi’ina uummata Itophiyaa dabalaa jiruun walqabatee karoora ishii dhugoomsuudhaaf dirqama Ulaa Galaanaa argachuu qabdi.Yeroo Itoophiyaan ulfina ishee guutuudhaan ija guuttee mul’attu amma. Itoophiyaan faayidaa fi dantaa hulaa galaanaa diimaa irra argachuu qabdu dhiibbaa fi shira garagaraatiin irraa dhiibamtee turuun ishee diinagdeen biyyattii akka hin baayyananneef caba dugdaa ta’ee hanga har’atti Itoophiyaa hulaa galaanaa malee ishee hambiseera! Haa ta’u malee Itoophiyaan hooggansa Abbichuutiin hoogganamuu eegaltee asitti suuraa fi simboon ishee dachaa ta’ee mul’achuu itti fufeera! Ulaa galaanaa diimaa kaleessa shira ilmaan ishee fi alagatiin irraa dhiibamtee turte amma harka isheetti galfachuuf adeemsa milkiin dabalame eegalteetti.

Ulaa galaanaa kan barbaannuuf guddummaa Itoophiyaa caalmaatti dhugoomsuufidhaMootummaan jijjiiramaa ulaa galaanaa argach...
25/10/2025

Ulaa galaanaa kan barbaannuuf guddummaa Itoophiyaa caalmaatti dhugoomsuufidha
Mootummaan jijjiiramaa ulaa galaanaa argachuuf dippiloomaasii sanaan wal gitu hojjetaa jira.
Yeroon karra galaanaa argachuu qabnu ammadha. Itoophiyaan akkaataa itti ulaa galaanaa argattu sirriitti beekti. Asab kan keenya akka turte Addunyaa hundatu beeka.kanaafuu Abbichuun sosochii ulaa galaanaa argachuuf finiinsaa ture milkeessuuf fiixee irra jira. Ulaa galaanaa argachuuf mirga biyya biraa hin tuqnu, akka seera Idil Addunyaatti galaanatti dhiyoo waan jirruuf mirga argachuu qabnu immoo waan dhiifnuuf hin qabnu.

  hin injifatamnee, Raayyaa hin moʼamne!.Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa maraaf baga hundeeffama Rayyaa Ittisa Biyyaa...
25/10/2025

hin injifatamnee, Raayyaa hin moʼamne!.
Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa maraaf baga hundeeffama Rayyaa Ittisa Biyyaa waggaa 118ffaa Nagaan Geessan 🇪🇹💪

Raayyaan Ittisa Biyyaa keenya mallattoo gootummaa, kabaja fi eenyummaa biyya keenyaa ti. Bara dheeraa keessa biyyaa fi saba ofii tikfatee, nageenya, tokkummaa fi walqixxummaa sabaaf falmatee jira.

Har’a waggaa 118 guutuu tajaajila gootummaa, aarsaa fi dhugaa sabummaa kabajna!. Rayyaa ittisa biyyaa keenya,Tokkummaan, murannoo fi jaalala isiin biyyaaf qabdan haa dagaagu!

"‎Hidhi Koyishaa Haaromsarraa meetira 17 qofaan xiqqaata-" MM Abiyyi Ahimad
25/10/2025

"‎Hidhi Koyishaa Haaromsarraa meetira 17 qofaan xiqqaata-" MM Abiyyi Ahimad

24/10/2025

Milkaa'inaa fi Karoora gara fuula duraa. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, jalqabbii bara 2018 keessa, bu'aa qabeessummaa hojii guutummaa dinagdee guyyoota 100 jalqabii bara 2018 galmeeffame, ministiroota isaanii waliin ta'uun, Hidha Kooyishaa irraattii haala gaariin kan gamaaggaman. Marii milkaa'inaa kana irrattis, bu'aaleen ajaa'ibsiisoo Pirojektiiwwan Hidha Haaromsaa Guddichaa (GERD) fi Welmel irratti argaman, fakkeenya gaarii ta'uudhaan,Projeektiin Koyishaattis cimee akkaa fufuun dhaamaniruu.
Pirojektiin Hidha Koyishaa kun bu'uura guddaa qaba. Faayidaan isaa, humna ibsaa maddisiisuu qofa osoo hin taane, iddoo bohaartii fi hawwata turizimii guddaafi bu'a qabeessa ta'uudhaan akka tajaajiluus dandeettii cimaa qabaachuu isaatiin akka galma gahuuf xiyyeeffannoon addaa irratti kennameera.

*Mul'ata Dhugoomu!* Mul'anni biyya keenya Itoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afrikaa taasisuu mul'ata dhugoomudha. Dhimmi...
24/10/2025

*Mul'ata Dhugoomu!*
Mul'anni biyya keenya Itoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afrikaa taasisuu mul'ata dhugoomudha. Dhimmi kun, lakkoofsa ummataafi bal'ina lafaa biyyattii kan uwwisu ummata baadiyyaa ceesisuu adda durummaan ilaala. Humna dinagdee baadiyyaa kalaqaafi ariitiin sochoosuu barbaada. Misooma qonnaafi horsiisee bulaa giddugaleessa kan godhate badhaadhina hundagaleessa biyyaatiif guddaa ta'a. Qormaata gara fuuladuraatti eegamu injifannoon xumuruun guddina oomishaa waliigalaa ariifataafi itti fufinsa qabu mirkaneessuuf, damee qonnaa saayinsiin, teeknooloojiifi kalaqaan hogganamuu qaba.
Kitaaba ida'amu keessa kan fudhatameedha

''Otuma mortuun mortuu kan hortu horti '' jedha Ooromoon IMF hojiilee riifoormii Itoophiyaan gaggeessaa jirtu dinqisiifa...
23/10/2025

''Otuma mortuun mortuu kan hortu horti '' jedha Ooromoon
IMF hojiilee riifoormii Itoophiyaan gaggeessaa jirtu dinqisiifate
Na,mni siyaasni harkatti kassaree lafa seenu wallale Jawaar mohammed garuu siyaasa diinagdee haqarraa fagaate nuu xibaaruu barbaada ,Haqa kana gaafa arge akkam jedha garuu!!!
Dhaabbatni Maallaqa Addunyaa (IMF) hojiilee riifoormii diinagdee Itoophiyaan gaggeessaa jirtu dinqisiifate.
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen Daayrektera olaantuu Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa fi Dhaabbatichatti Hoggantoota Dippaartimantii Afrikaa waliin dhimmoota Riifoormichaa fi tumsa yeroo itti aanuu ilaalchisee mari’ataniiru.
Mootummaan Bulchiinsa Fiisikaalaa cimsuuf dandeettii qabeenya biyya keessaa walitti qabuu cimsuu fi caasaa riifoormii saffisisuuf murannoo qaba jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen.
Obbo Ahimad Shiideen IMF deeggarsa Itoophiyaaf taasisaa jiru galateeffachuun, Mootummaan Bulchiinsa Fiisikaalaa cimsuuf dandeettii qabeenya biyya keessaa walitti qabuu cimsuu fi hojiilee caasaa riifoormii saffisisuuf murannoo qabaachuu kaasaniiru.
Itoophiyaan tumsa IMF waliin qabduuf iddoo olaanaa kan laattu ta’uu eeruun,Riifoormiin Diinagdee Gooroo tasgabbeessuu, carraa hojii uumuu fi jireenya lammiilee fooyyessuurratti xiyyeeffate hojiirra oolaa jiraachuu ibsan.
IMF kaayyoolee kanneen milkeessuuf deeggarsa Teeknikaa fi Maallaqaa taasisu itti fufuu himan.

  humna waraanaa jabaa faayidaa biyyaalessaa ishee kamuu kabachiisuu danda'u ijaarate jirti.Humna Waraanaa Jabaan Tokkum...
22/10/2025

humna waraanaa jabaa faayidaa biyyaalessaa ishee kamuu kabachiisuu danda'u ijaarate jirti.
Humna Waraanaa Jabaan Tokkummaa Biyyaalessaa fi Nagaa Mirkanneessuu murteessaadha. Itoophiyaan, biyya seenaa dheeraa fi aadaa guddaa qabdu, humna waraanaa ishee cimsuun faayidaa biyyaalessaa fi tokkummaa lammiilee ishee eeguuf tarkaanfii guddaa fudhatte jirti. Humna waraanaa jabaa ijaaruun:
* Nagaa fi Tasgabbii: Daangaa biyyaa fi nageenya lammiilee guutummaatti kabachiisuuf murteessaa dha. Kunis guddina diinagdee fi jiruufi jireenya ummataa fooyyessuuf bu'uura cimaa ta'a.
* Faayidaa Biyyaalessaa Eegsisuu: Mirga, qabeenyaa fi fedhii biyyaalessaa Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti kabachiisuuf humna dandeettii qabu qabaachuu agarsiisa.
* Tokkummaa fi Kabajaa: Humnoonni waraanaa kun lammiilee hundaa bakka bu'uun, tokkummaa biyyattii jabessuuf gumaacha guddaa godhu. Kana malees, sadarkaa naannoo fi addunyaatti kabajaa biyyattii ol kaasa.
Injifannoon Keenya Tokkummaa fi Cimina Humna keenya keessa jira! Humna waraanaa leenjii fi meeshaa ammayya'aa qabu ijaaruun boru kan abdachiisu uumuuf gahee guddaa qaba.

Address

Addis Ababa
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Awaday Media Network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Awaday Media Network.

Awaday Media Network irratti Oduu, Odeessaa fi taateewwan wayitaawaa Itoophiyaa, Afriikaa fi guutuu addunyaa irratti ta’an argattu. Yeroo mara waan haaraa jiru baruuf gara keenya koottaa, waan isinitti dhagaahamus nutti himaa. Odeessawwan akka irratti hojjennu barbaaddanis nuun gahaa. pageAwaday Media network ha jabeeffanu.