20/08/2025
Murtoo du’aatiin adabamee jira.
Mee waan uummanni keenya itti jiru kana dubbisaa! Kan nuti hin argine, kan nuti hin dhageenye gochaa sukkanneessaa meeqatu Oromiyaa keessatti raawwatamaa oola!
Himatamaa 1ffaa: Saajin Shawaaqannaa Mogos
Himatamaa 2ffaa. Goobanaa Gabbisaa
Godina wallagga Lixaa Aanaa Sayyoo Noolee Keessatti himatamaan 1ffaan miseensa poolisii ta’ee yeroo tajaajila turee fi himatamaan 2ffaan Manajaara Ganda Qoree Kookir ta’e yeroo hojjechaa turetti:-
Rakkoo nageenyaa aanichaa keessa jiru qabata godhachuudhaan gaaftokko halkan mana nama dhuunfaa deemuun ijoollee dubaraa umuriin isaanii waggaa 18 gadii ta’e lama fudhatanii bahan. Obboleessi shamarran kanaa dargaggoon tokko duubaan duukaa bu’ee hordofee mana isaan itti geessan arge. Achii booda gara manichaa dhaqee maaliif as fiddan jedhee gaafate. Yommuu kana miseensa poolisii kan ta’e himatamaa 1ffaan gurbaa kana jilbeenfachiisee meeshaa kilaashiin addarra rukkutee erga ajjeesee booda, shamarran lamaan kutaa garagaraa keessa turan gadi baasee ishee tokko qaama saalaa ishee keessa rasaasaan rukkutuun - ishee tokko immoo cinaacha ishee keessa rasaasaan rukkuteen ijoollee obbolaa sadii yeroo tokkotti maatii tokko keessaa bakka tokkotti ajjeessuun waliigalatti himata yakka ajjeechaa sadii (3) fi yakka malaamaltummaa kudha jahaan (16) himatame.
Manni Murtii Olaanaa Godina Wallaggaa Lixaa falmii bitaafi mirgaa erga dhaggeeffateen booda dhaddacha gaafa 13/12/2017 ooleen yakkamaa ta’uu isaanii mirkaneessuun;
Himatamaa 1ffaa murtii du’aan adabee jira Himatamaa 2ffaan yakkaa nama ugguruun isa waliin himatamee hidha cimaa waggaa 2(lama) adabamee jira. (kan isa 2ffaa kun ni xiqqaaten jedha ani)
Abbootiin alangaa dhimma kana seeratti fiddan, akkasumas Manni Murtii Olaanaa Godina Wallaggaa Lixaa guddaa galatoomaa!