12/08/2026
Dhaggeesseettaaree tarii
Faallaa wareega irbuu
Kan Oromoon tokko boo'ee
Oromoon tokko sirbu
Nageenya lammii saamuun
Karra teenya lixanii
Haadha fi ilmoo danuu
Wal irratti fixanii
Miidhamni keenya ibsuuf
Homaa hin qabu fakkii
Badiin hangana geessu
Maaluma keenya yakki?š
Qooda gahee keessanii
Namni hundinuu bahaa
Ummata dhumaa jiruuf
Koottaa sagalee tahaa!
godhaa sagalee waliif haa taanuu!